Fana: At a Speed of Life!

Faransaay vaayrasichi amma deebi’ee itti hammaate

Finfinnee, Hagayya 23, 2012 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaarraa haga tokko dandamattee kan turte Faransaay vaayrasichi amma deebi’ee itti hammaateera.

Kaleessa namoota 7,379tu qabaman, kunimmoo erga Bitootessa darbeetii isa olaanaadha.

Preezdaantiin biyyattii Imaanu’eel Maakroon, uggura sochii uummataa haarawa kaa’uuf jedhu.

Uggurri amma kaa’amu garuu kan akka isa jalqabaa diinagdee biyyaa miidhu ta’uu hin qabu jedhan.

Faransaay keessatti hanga ammaatti namoonni 267,077 kan qabaman yoo ta’u, kanneen keessaa 30,595 du’aniiru.

Weerara vaayrasii koroonaa deebi’ee Faransaay rifachiiseef sababi guddaan uumanni heddumminaan bakkeetti ba’uudha.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.