Fana: At a Speed of Life!

FBC’n Yuunivarsiitii Asoosaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Amajjii 27, 2015 (FBC)- Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet Yuunivarsiitii Asoosaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteesse.

Waliigaltechas Hoji Raawwachiisaa Damee Afaanotaa FBC Obbo Shallamaa Kabbee fi Itti Aanaa Pireezidaantii dhimmoota Akkaadaamikii Yuunivarsitii Asoosaa Gargaaraa Pirofeesaraa Abarraa Baayyisaa mallatteessaniiru.

Sanadni waliigaltechaas adeemsa baruu fi barsiisuu keessatti ogeeyyii damechaa ga’umsa qaban horachuu, hojiilee qo’annoo garaagaraa gaggeessuun hojiirra oolchuu akkasumas hojiilee jireenyaa hawaasaa fooyyessan hojjechuurratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Dabalataan FBC fi Yuunivarsitichi guddina gama maraa biyyaalessaaf waloon akka hojjetan, dhimmoota hawaasaa giddugaleeffachuun yuunivarsitichaan hojjetaman irratti deeggarsa miidiyaa akka taasisuu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.