Fana: At a Speed of Life!

Federeeshiniin Atileetiksii Ityoophiyaa yaa’ii waliigalaa idilee 24ffaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Muddee 5, 2013 (FBC) – Federeeshiniin Atileetiksii Ityoophiyaa yaa’ii waliigalaa idilee 24ffaa gaggeessaa jira.
Yaa’ichi gabaasa raawwii hojii bara baajataa 2012, gabaasa oodiitii alaa, karoora tarsiimoo waggootan saddeet fuula duraa fi karoora federeeshinichaa bara baajataa 2013 irratti kan mari’atan ta’a.
Dabalataanis, federeeshinicha waggoota arfan dhufaniif kan gaggeessuu filannoon koree hojii raawwachiisumma ni gaggeeffama.
Yaa’icharratti Ministirri Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiruut Kaasaw, Komishinarri Komishinii Ispoortii FDRI obbo Eeliyaas Shukurii fi hoggantoonni hojii biroon argamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.