Fana: At a Speed of Life!

Feestivaalli Aadaa Finfinnee 13ffaan xumurame

Finfinnee, Amajjii 18, 2014 (FBC) – Feestivaalli Aadaa Finfinnee 13ffaan xumuramuu Biiroon Aadaa, Tuurizimii fi Aartii magaalichaa beeksiise.
Feestivaalli Aadaa Finfinnee 13ffaan mata duree’’ Duudhaalee Aadaa keenyaa Nageenya Waaraaf’’ jedhuun guyyoota sadiif Hoteel Giyoonitti gaggeeffamaa ture xumuramuu hoggantuun Biiroo Aadaa, Tuurizimii fi Aartii Dooktar Hiruut Kaasaaw fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
Feestivaalaa Aadaa 13ffaa kanarratti qaamoolee kallattii adda addaan bu’aalee aartii, ispoortii aadaa, daazaaynii uffata aadaa, nyaataa fi dhugaatii aadaan, akkasumas bulchiinsa kutaa magaalaa bakka bu’uun qophii aadaa kanarratti hirmaachuun 1ffaa hanga 3ffaa bahaniif badhaasni maallaqaa fi beekamtiin kennamuu Dooktar Hiruut ibsaniiru.
Dooktar Hiruut,milkaa’ina feestivaalichaaf qaamolee gumaacha taasiisan galaffataniru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.