Fana: At a Speed of Life!

Fiigicha gulaallii meetira 800 fi 1500 atileetonni Ityoophiyaa xumuraaf darban

Finfinnee, Adoolessa 28, 2014(FBC)- Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Umrii 20 gadii Kolombiyaa Kaaliitti gaggeeffamaa jiruun, fiigicha gulaallii meetira 800 fi 1500 atileetonni Ityoophiyaa xumuraaf darbaniiru.

Dorgommii fiigicha gulaallii meetira 800 dhiirotaan atileet Eermiyaas Girmaa daqiiqaa 1 fi sekondii 48 fi maayikiroo sekondii 39 tokkoffaa yoo ba’u, atileet Marsiimoy Kaasaahuun ammoo daqiiqaa 1 fi sekondii 48 fi maayikiroo sekondii 54’n galuun dorgommii xumuraaf darbuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Bifuma walfakkaatuun fiigicha gulaallii meetira 1500 dubartootaan atileet Mabraat MAakonnin daqiiqaa 4 fi sekondii 18 fi maayikiroo sekondii 97 1ffaa ba’uun fiigicha xumuraaf darbiteetti.

odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.