Fana: At a Speed of Life!

Filannoo dhufuuf hanqinnii fi ciminni naannolee hundaa adda ba’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (FBC)-Filannoo marsaa 6ffaa rakkoon nageenyaa akka hin muudanneef ammarraa eegalee qophiin taasifamaa jiraachuu ibsameera.
Karooraa filannoo naannolee fi magaalaa, rakkoo nageenyaa biyya akkasumaas fala furmaatarratti har’a Waajjiraa Muummee Ministiraatti mari’atameera.
Nageenyummaa filannichaa eeguuf sadarkaa biyyoolessaatti koreen hundaa’ee kana dura marii gaggeesseen naannoleen rakkoo nageenyaasaanii adda baasuun karoora akka baasaaniif kallattii ka’ee ture.
Bu’uruma kanaan karoorri naannoleen baasan har’a gamaggamamee kallattiin ka’aameera.
Naannolee fi magaaloonni gabaasa karooraa filannoo dhiyeessan Finfinnee, Oromiyaa, Amaaraa fi Harariin fooyya’anii argamaniiru jedhameera.
Gorsaan Dhimma Nageenyaa Muummee Ministiraa obbo Gadduu Andaargaachaw filannichaa rakkoo nageenyaa tokko malee akka gaggeeffamu taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamu akka qabu himaniiru.
Naannolee hundi rakkoo nageenyaa wal qabsiisee rakkoolee muul’atan ilaaluun hojjechuu akka qabanis yaadachisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.