Fana: At a Speed of Life!

Filannoo waliigalaa irra deebii fi itti guutiinsaa marsaa 6ffaa gaggeessuuf sagantaan ifoome

Finfinnee, Guraandhala 22, 2016 (FBC)- Filannoo waliigalaa irraa deebii fi itti guutiinsaa marsaa 6ffaa raawwachiisuuf sagantaa ifoomsuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksise.

Haaluma kanaan Waxabajjii 6, 2016 naannolee afuritti filannoo irraa deebii fi itti guutiinsaa kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Filannoo irra deebii fi itti guutiinsaa gaggeeffamu kunis filannoo waliigalaa biyyaalessaa 6ffaan naannolee sababa garaagaraan hingaggeeffamnetti jechuunis Naannolee Beenishaangul Gumuz, Afaar, Somaalee fi Giddugaleessa Itiyoophiyaatti kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.

Filannichi naannoo filannoo 29’tti, buufataalee filannoo kuma 1 fi 146 akkasumas buufata filannoo buqqaatotaa 34’tti ni gaggeeffama jedhameera.

Filannichi teessoo Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataa 9 fi teessoo Mana Maree Naannoolee 26’f kan gaggeeffamu ta’uu Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Meelaat Qalamawarqi ibsaniiru.

Wubirsiit Tasammaa fi Solomoon Yittaayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.