Fana: At a Speed of Life!

Finfinneen Federeeshinii Magaalota Tuuriizimii Idil Addunyaatti makamte

Finfinnee, Hagayya 28, 2015 (FBC)-Magaalaan Finfinnee miseensa Federeeshinii Tuuriizimii Idil Addunyaa taate.

Ittaanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay waraqaa ragaa miseensummaa Federeeshinichaa Chaayinaa Beejiingitti argamuun hoggantoota federeeshinichaarraa fuudhaniiru.

Federeeshiniin Magaalota Tuuriizimii Idil Addunyaa magaalota 242 biyyoota 85tti argaman miseensummaan kan hammate ta’uu ragaan Chaayinaatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Magaalonni miseensa Federeeshinichaa muuxannoo damee Tuuriizimiin qaban qooduun walta’iinsaan akka hojjetan haalota kan mijeessu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.