Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti addaan ciccituun elektirikii mudate sararoota galteerra rakkoo mudateeni jedhame

Finfinnee, Bitootessa 11, 2015 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti torbanoota lamaan darbanitti addaan ciccituun humna elektirikii mudatee ture, haalaa qilleensaa mudateen sararoota galtee elektirikii 50 irratti rakkoon mudachuurraan akka ta’e Tajaajilli Elektirikii Finfinnee beeksise.
 
Tajaajilichii fi Abbaan Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’aa Finfinnee kenniinsa tajaajilichaarratti ibsa kennaniiru.
Hoji Gaggeessaan Olaanaan Tajaajilaa Elektrikii Finfinnee Dooktar Gabayyoo Likkaasaa, torbanoota lamaan darban addaan ciccituun humna elektirikii mudate sababoota haala qilleensaa, hojiilee ijaarsaa magalattiitti gaggeeffamaa jiran, buufataalee raabsaarratti hojii suphaa gaggeeffamaa jiruu fi miidhaalee bu’uuraalee misoomaarra ga’uun ta’uu dubbataniiru.
 
Rooba roobeen sararoota galtee 137 keessaa 50 irratti mancaatiin uumamuu eeraniiru.
 
Tajaajilicha bakka duraatti deebisuu fi amansiisaa akka ta’uuf hojjetamaa jiraachuu ibsanii, addaan ciccituu humna elektirikii mudateen maamiltoota dhiifama gaafataniiru.
 
Ittaanaan Hoji Gaggeessaa Abbaa Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’aa Finfinnee Fiqaaduu Zallaqaa gama isaaniin, torbanoota sadan darban dhiyeessiin bishaanii addaan ciccittuun mudachuu eeruun, sababa addaan ciccituu humna elektirikiin dhiyeessiin bishaanii dabareen ture walbuusuu dubbataniiru.
 
Abbaan taayitichaa guyyatti bishaan meetir kiyuubii kuma 725 oomishaa jiraachuu fi yeroo ammaa dhiyessii fi fedhiin walmadaaluu dhabuun akka jiru kaasaniiru.
 
Rakkicha waarinaan furuuf pirojektoonni addaa addaa bocamanii hojiitti seenamuu akeekuu TOI gabaaseera.
 
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.