Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti hojjettoota kuma 19 oliif madaalliin ga’umsaa kennameera-Aadde Adaanech Abeebe

Finfinnee, Guraandhala 16, 2016 (FBC)- Dhaabbilee 16tti hojjettoota mootummaa kuma 19 oliif madaaliin ga’umsaa kennamuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanech gabaasaa raawwii baatiiwwan ja’an darbanii Mana Maree Bulchiinsa magaalichaaf dhiyeessaniin kenniinsa tajaajilaa fooyyessuuf dhaabbilee ummannii heddumminaan komii irratti kaasuu fi riifoormii gurmaa’insaa dhaabbatummaa barbaachisu dhaabbile 16 qorannoon addaa baasuun hojiileen riifoormii gaggeeffamuu himan.

Dhaabbilee kanneenitti hojjettootaa argaman kuma 19 oliif madaallii ga’umsaa kennamuus himaniiru.

Hoggantootaa fi ogeeyyii kuma 28 fi 900 oliif leenjiin ijaarsa dandeetti kennamuus ibsaniiru

Kana qabsoo hannaa fi hojmaataa badaa taasifameen hojjetootaa fi hoggantoota hannaa fi hojimaata badaa keessatti hirmaatan hoggantootaa fi hojjetoota giddugaleessaa 520, kutaalee magaalaatti hojjetoota 110, sadarkaa aanaatti 736 waliigalaan hojjettoota kuma 1 fi 366 irratti tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa fudhatamuu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.