Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa har’a eegala

Finfinnee, Caamsaa 2, 2016 (FBC) – Ijaarsi Piroojekti Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa magaalaa Adaamaa fi Moojoo gidduutti har’a ni eegala jedhame.
Riifoormii Dinagdee Biyyaalessaa, Riifoormii Dinagdee Mandhalee, Sochii Hojii Biizinasii Salphii, Tarsimoo Dinagdee Damdaneessa ijaaruuf, Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa akka ijaaramu Caffee Oromiyaan ragga’ee sochiin eegalameera.
Kaayyoon ijaarsa Zoonii Dinagdee kanaas dargaggoota kumaatama ta’aniif carraa hojii uumuu, Giddugala daldalalaa sadarkaa Afrikaatti dorgomaa ta’e ijaaruu, Giddugala Faayinaansii Afrikaa ta’uun dinagdee naannichaa ariifataafi cimaa taasisuu ta’uu eerameera.
Ijaarsi Piroojketii Zoonii Dinagdee Addaa lafaa hektaara kuma 24 olirratti kan ijaaramudha.
Zooniin Dinagdee kun namoota kuma 335 fi 475 oliif carraa hojii uuma jedhame.
Guyyaa har’aas sirni waliigaltee ijaarsaa Abbaa Taayitaa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaafi Dhaabbata Ijaarsaa Mootummaa Chaayinaa ‘CCECC’ jedhamu gidduutti ni gaggeeffama.
Sirni jalqabsiisa ijaarsaas bakka hooggantoonni mootummaa olaanaa argamanitti har’a kan raawwatu ta’uu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.