Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti odeeffannoon dubartoota harka qalleeyyii ta’aniif deeggarsi maallaqaa ni taasifamaan tamsa’ee soba jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2013 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti dubartoota harka qalleeyyii ta’aniif deeggarsi maallaqaa bulchiinsa magaalaa fi biyyaa alaarra ni taasifamaan jechuun lakkoofsa herregaa baankii akka banana odeeffannoon tamsa’ee sobaa ta’uu itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.
Odeeffannoo tamsa’een haadholii hedduun dameewwan baankii daldalaatti rakkachaa jiraachuu himaniiru.
Kanaan walqabsiisee shakkamtoonni to’annaa jala oolaniiru jedhan.
Jiraattoonni magaalichaa odeeffannichaan akka hin burjajoofneef of eeggannoo taasisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Qaamoleen odeeffannichaa tamsaasanis seeraa ni gaafatamuu jedhan aadde Adaanach.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.