Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti waajjira kireeffachuun burjaajjii lafaa raawwachuuf kan socho’an to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 22, 2012 (FBC) – Finfinneetti waajjira kireeffachuun hojii Waajjira Baankii fi Dabarsa Lafaa karaa seeran ala ta’een hojjechaa kan turan to’ataman.
 
Koomiishiniin Poolisii Finfinnee akka beeksisetti namoonni hojii seeran alaakana hojjechaa turanii fi michoonni isaanii to’atamaniiru.
 
Namni dhuunfaa tokko kutaa bulchiinsa magaalaa Qiirqoos aanaa 2 lafa kaaree meetira 1816 karaa liiziin fudhachuuf yaalee barootaf ulaagaa guutuu dhabuu isaatin hin argatin hafe, laficha karaa seeran alaatin fudhachuuf ifaajera.
 
Boolee aanaa 4 naannoo Haayaa Hulat, gamoo Ya’aabirratti namoota waajjira banatanii hojii seeran alaa hojjetan waliinis karaa faddaalatiin walqunnamee fixachuuf yaalera.
 
Sanaafis chaappaa Waajjira Baankii fi Dabarsa Lafaa Finfinnee, tiitarii hoggansa waajjirichaa fi sanadoota sobaa qopheessuun socho’aa turaniiru.
 
Caamsaa 17,2012 chaappaa geengoo rukuchiifachuuf gara waajjiraa goru.
 
Yaata’uutii hojjetaan mana galmee isaan shakkee eeruu laachuu isaatin shakkamtoonni to’annaa seeraa jala oolfamaniiru.
 
Namoonni 8 to’atamanii qorannaan irratti gaggeeffamaa kan jiru yammuu ta’u, harki hojjettootaas akka keessa jiraachuu malu ni shakkama jedhameera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.