Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti warshaan guyyaatti zayitaa liitira kuma dhibba 6 oomishu ijaarramuufi

Finfinnee, Muddee 18, 2012 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti warshaan guyyaatti zayitaa liitira kuma dhibba 6 oomishuu danda’u ijaarramuufi.

Ijaarsi warshichaa zayita Ityoophiyaan alaa galchitu %25 hir’isuu dandeessisa jedhameera.

Warshaan zayitaa dhaabbata Hooraayzan Plaanteeshiniin bulfamu kun, baasii Birrii biiliyoona afuriin Boolee Sammiititti ijaarrama.

Sirna ijaarsa jalqabsiisuu warshichaarratti itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa fi aanga’oonni biroo argamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.