Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Biyyoolessaa mata duree ‘Qorannoo Aadaa Gujii’ jedhuu Yuunvarsiitii Bulee Horaatti gaggeeffame

Finfinnee, Eebila 15, 2013 (FBC)- Fooramiin Biyyoolessaa mata duree ‘Qorannoo Aadaa Gujii’ jedhuu Yuunvarsiitii Bulee Horaatti gaggeeffameera.

Fooramicha irratti waraqaaleen qorannoon 20 kan dhiyaate yoo ta’u, qorattoonni biyya alaa fi biyya keessaa, Abbootiin Gadaa fi qaamoleen hawaasa garagaraa hirmaataniiru.

Yuunvarsiitiin Bulee Horaa aadaa, albuudaa fi qonnarratti xiyyeeffannoon kan hojjetu  yoo ta’u, gama gadaatiin hanga ammaatti; Gidugalli Gadaa hundeeffamuu , Sirni gadaa Barnooota Digrii 2ffaa fi Digrii 3ffaatiin kennaa jiraachuu ibsameera

Akkasumas barttoonni digrii jalqaba barnoota ”Common Course ”waliin fudhataa jiraachuu ibsameera.

Akka gabaasa OBNtti preezdaantii Yuunvarsiitii Bulee Horaa Dooktar Caalaa Waataati, Yuunvarsiitiin Bulee Horaa gama qorannoo fi qo’annootin hojiiwwan hedduu hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.