Fana: At a Speed of Life!

Fooyyeessa deeggarsa boba’aan kasaaraa Birrii biiliyoona 10 mootummaarra ga’u Birrii biiliyoona 4tti hir’ate

Finfinnee, Sadaasa 9, 2015(FBC)-Fooyyeessa deeggarsa boba’aan kasaaraa Birrii biiliyoona 10 mootummaarra ga’u Birrii biiliyoona 4tti hir’isuu Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii beeksise.

Baatiiwwan afran darbanitti buufataalee boba’aarratti taaksii dabalataa qabeenyaa kaa’ameen galii Birrii biiliyoona shanii argamsiisuu Abbaan Taayitichaa beeksiseera.

Daayrektarri Abbaa Taayitichaa Aadde Saahirallaa Abdulaahii, baatiiwwan sadiin dura fooyyessi deeggarsa boba’aa yaadame damechaan bu’aa argamsiisuu ibsaniiru.

Fakkeenyaaf mootummaan baatii baatiidhaan deeggarsa boba’aaf jecha kasaaraa Birrii biiliyoona 10 irra ga’u gara Birrii biiliyoona 4’tti hir’isuun danda’ameera jedhan.

Mootummaan hanga ammaatti deeggarsa boba’aan idaan yookaan kasaaraan Birrii biiliyoona 179 akka irra jiru ibsuun, adeemsi deeggarsaa sirreeffamaa wayita dhufan adeemsa keessa hir’isuu danda’u jedhaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.