Fana: At a Speed of Life!

Gaazexeessaa Sisaay Fidaa humna Shororkeessaa Shaneen ajjeefamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 2, 2013 (FBC)- Gaazexeessaa Sisaay Fidaa Humna Shororkeessaa Shaneen ajjeefamuu isaa Qajeelichi Poolisii Godina Qeellam Wallaggaa beeksiseera.

Gaazexessaa fi qindeessaa OBN Damee Godina Qeellam Wallaggaa Sisaay Fidaa kaleessaa cidha osoo galu naannoo mana isaatti namoota lamaan ajjeefamuu Qajeelcha Poolisii Godina Qeellam Wallaggaatti itti anaa Daayrekteera Nageenya Naannoo Mirkaneessaa Inispeektar Ahmaad Yaasiin bilbilaan OBNtti himaniiru.

Kaleessa sa’aatii 11:30tti cidhaa osoo galu balbala mana isaa biratti namoota lama maqaa abbaa torbeen of waamaniin tarkaaffiin ajjeechaa gaazexeessaa Sisaay Fidaarratti  fudhatameera jedhan.

Akka gabaasa OBNtti namoota lamaan kanneen maqaan kan beeknuu fi hordofaa  jiraachuu Inispeektar Ahmaad Yasiin himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.