Fana: At a Speed of Life!

Gabaasni Dhaabbnni ‘Human Rights Watch’ baase fudhatama hin qabu – TKM

Finfinnee, Caamsaa 29, 2015 (FBC) – Gabaasni Dhaabbnni ‘Human Rights Watch’ baase fudhatama kan hin qabne ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa gabaasa dhaabbatichi baase ilaalchisee deebii laateera.

Dhaabbanni ‘Human Rights Watch’ gabaasni Ityoophiyaa iddoolee tokko tokkotti sarbamni mirga namoomaa guddaatu raawwataa jira jechuun baase gabaasa bu’uura hin qabne ta’uu ibseera.

Kaabaa biyyattiitti walitti bu’iinsa tureen rakkooleen garaagaraa kan jiru ta’us dhaabbatichi naannawaa muraasa qofa filachuun gabaasa qopheessuun ergama siyaasaa qaama adda addaa milkeessuuf gabaasa qophaa ta’ee ifatti kan mul’isu jedhuun ibseera.

Gabaasni sarbamni mirga namoomaa raawwateera jedhuun dhiyaate qabiyyee kan hin qabne, qorannoo fi ragaan kan hin deeggaramne ta’uu eereera.

Waliigalaan gabaasni dhaabbatichi dhiyeesse kan waldhahu, haala qabatamaa naannichaa kan hin ibsne, duudhaa ummata barootaaf waliin jiraataa ture kan sarbu, ummata gidduutti walitti bu’uunsa kan kakaasu fi marii araaraa biyyattiin gaggeessaa jirtu kan gufachiisu ta’uu himeera.

Dhaabbatichi ajandaa dhoksaa tarkaanfachiisuun hawaasni idil addunyaa Ityoophiyaaf ilaalcha gaarii akka hin qabaanne taasiisuuf hojjetaa jiraachuu gabaasa ifatti agarsiisu ta’uu eereera.

Ityoophiyaan mirgoota namoomaa kabajuu fi kabachiisuuf qophii seeraa fi dhaabbataa qabdu yoo taatu, kanuma hordofuuf dhaabbilee walabaa fi walaba ta’an kan akka Komishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa hundeessiteetti jedha ibsichi.

Mootummaan Ityoophiyaa sarbama mirga namoomaaf yoomiyyuu hin obsu, Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa fi Waajjirri Komishinii Olaanaa dhaabbata Mirgoota Namoomaa waloo garee qoratu hundeessan hojiin eegalaan akka milkaa’uuf haalawwan barbaachisoo ta’an mijeessee ,yaada gabaasa kana keessatti kenname hojiirra oolchuuf gareen qorannoo ministirootaa waloo hundeeffamee hojii deebisanii dhaabuurratti hojjechaa turuu himeera.

Waliigaltee Piriitooriyaa hojiirra oolchuun waldhabdee tureef furmaata waaraa laachuuf Imaammata ce’umsa haqaa qopheessuun akka biyyattii mariin gaggeeffamaa jiraachuu ibseera.

Adeemsi ce’umsa haqaa qaamoleen sarbama mirga namoomaa raawwatan akka itti gaafatamanii fi qaamolee miidhaman ammoo deebisanii dhaabuuf haalli akka mijatu kan tumsu ta’uu himeera.
Komishiniin Maree Biyyaalessaa waldhabdee jiru hundeerraa furuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Rakkoo biyyattii bu’uuraarraa furuuf tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa taasiisaa jiru cinaatti Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjirri Olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa waloon hordoffii cimaa taasiisaa jiraachuu himeera.

Wayita mootummaan Itti gaafatamummaa olaanaan rakkoo biyyattii waaraan furuuf socho’aa jirutti gabaasni haala qabatamaa hin hubannee fi ragaan hin deeggaramne qophaa’uun fudhatamata kan hin qabne ta’uu eereera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.