Fana: At a Speed of Life!

Galmi Barkumee magaalaa Finfinnee wal’aanamtoota COVID-19 keessumeessuu eegale

Finfinnee, Caamsaa 25, 2012 (FBC) – Galmi Barkumee magaalaa Finfinnee wal’aanamtoota COVID-19 keessumeessuu eegale.

Daayreektarri Olaanaan Giddugala Yaalaa Galma Barkumee Dooktar Ismaa’eel Shamsaddiin baatiwwan 2 darbanitti hojiin giddugalicha qopheessu raawwatamuu ibsaniiru.

Giddugalichi wal’aanamtoota hordoffii cimaa 40 fi wal’aanamtoota hordoffii cimaa hin galle 1000 tajaajiluu danda’a jedhame.

 

Kutaaleen laabiraatoorii, mana qorichaa, dhiqannaa, bakka uffatta itti jijjiiratan fi kutaalee biroon qophaa’aniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.