Fana: At a Speed of Life!

Gamaaggamni raawwii hojii paartii fi mootummaa naannoo Oromiyaa kurmaana 3ffaa eegalame

Finfinnee, Ebla 19, 2016 (FBC) – Gamaaggamni raawwii hojii paartii Badhaadhinaa fi mootummaa naannoo Oromiyaa kurmaana 3ffaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti eegalameera.
Pireezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Af Yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurramaan, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa dabalatee hoggantoonnii Biiroolee fi Godinaalee gamaaggama kanarratti argamaniiru.
Karoora bahee haala wal fakkaatuun hojjira olchuurratti hanqinni jiraachuu PireezidaantiiMootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa himaniiru.
Kallatiwwan hojjirra akka olan kaa’aman hubbachuun hojjira olchuurratti hanqinaalee jiran , gamaagamichaan kan ilaalamu ta’uu ibsaniiru.
Karoora xiiqii Mootummaan naannichaa bara 2016 bahee hojjirra olaa jiruun dhimmonni hafan ji’oottan hafan keessatti akkaataa milkeessuun danda’amuu kallattii kaa’uun Karoora bara 2017 irrattis kan mari’atamuu ta’uu himaniiru.
Gamaagamichi ciminaafi hanqinaa hojiiwwan Mootummaafi Paartii adda baasuun ciminoota itti fuufsiisun hanqinoota furuun gara carraatti jijjiruuf kan gaggeefamu ta’uu Obbo Fiqaaduun himaniiru.
Hanqinaalee adda bahan ji’oottan hafan keessatti xiyyeeffanaan jijjiruuf kan hojjatamu ta’u himaniiru.
Muluu Waaqshumee fi Maraa’ol Kadirtu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.