Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awrooppaa Ityoophiyaa dabalatee biyyoota 3f deeggarsa Yuuroo miiliyoona 23.7 taasise

Finfinnee, Muddee 10, 2013 ( FBC) – Gamtaan Awrooppaa Ityoophiyaa dabalatee biyyoota 3f deeggarsa Yuuroo miiliyoona 23.7 taasisuu beeksise.
Deeggarsichi Ityoophiyaa,Sudaanii fi Keeniyaaf taasifamu gamtichi ibseera.
Deeggarsicha keessaa Yuuroon miiliyoonni 18.8 lammiilee naannoo Tigraayitti deeggarsi barbaachisuf akka oolu ibsameera.
Akkasumaas Yuuroon miiliyoonni 2 ammoo Sudaaniif taasifamu ibsameera.
Yuuroon miiliyoonni 2.9 Keeniyaatti ammoo wabii nyaata mirkaneessuf ta’u ibsameera.
Gamtaan Awrooppaa bara Faranjoota 2020 Ityoophiyaadhaaf deeggarsi taasisee Yuuroo miiliyoona 63.2 qaqqabu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.