Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa ogeeyyii filannoo taajjaban kan ergu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise

Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC) – Gamtaa Awurooppaa dabalatee Ameerikaa fi Raashiyaa keessaa ogeeyyiin walitti babba’an filannoo Ityoophiyaa marsaa 6ffaa kan taajjaban ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muuftiin ibsa torbee laataniin, gareen ogeeyyii gamtichaa fi biyyoota lamaan keessaa walitti babba’an filannoo taajjabuuf kan dhufan ta’uu eeraniiru.
Haaluma kanaan gareen gamtaa Awurooppaa miseensota 6 hammate, dhaabbilee Ameerikaa lamaa, Raashiyaa fi gamtaa Afrikaarraa ogeeyyiin walitti babba’an adeemsa filannoo marsaa 6ffaa kan taajjaban ta’uu eeraniiru.
Dhimma kanaan walqabatee gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaan haalduree guutuu qabdu akka guuttu yaada dhiyeesse ilaalchisee Ityoophiyaan ejjennoo qabattee turte ammas hin jijjiirre jedhan.
Ambaasaaddar Diinaan Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa hoggantoota mootummaa olaanoo waliin marii bu’aa qabeessa taasiisuu himaniiru.
Dura Taa’aan Gamtaa Afriikaa ammaa fi Preezdaantiin Rippaabilika Dimookiraatawa Koongoo Filiks Sishakiid mariin sadee hidha haaromsaa karaa nagaan itti fufsiisuuf marii dandeessisu taasiisu himaniiru.
Gama biroon Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen turtii Niijeeriitti taasiisaniin dhimmoota marii sadee hidha haaromsaa fi kanneen biroorratti marii bu’aa qabeessa taasiisuu Ambaasaaddar Diinaan ibsa isaaniin eeraniiru.
Fireehiyiwat Saffiwitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.