Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa proojaktii eeggumsa qabeenya uumamaa Boomaa Gambeellaaf deeggarsa Yuuroo Miiliyoona 4.4 taasise

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC ) – Gamtaan Awurooppaa proojaktii eeggumsa qabeenya uumamaa Boomaa Gambeellaaf deeggarsa Yuuroo Miiliyoona 4.4 taasiseera.

Gamtichi Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaatti naannoo daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa hojiieeguumsa naannoo deeggaruuf kan kaayyeeffatedha.

Waliigalticha barreessaa olaanaa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa /IGAD/ Dooktar Warqinaa Gabayyoo fi Jibuutiitti Jilli Gamtaa Awurooppaa Ambaasaaddar Aydaan Ohaaraa mallatteessaniiru.

Wayita waliigaltichaa Dooktar Warqinaa Gabayyoo hariiroon Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa /IGAD/ fi Gamtaa Awurooppaa cimaan jiraachuu ibsaniiru.

Ambaasaaddar Aydaan Ohaaraa gama isaaniin, hojii eeguumsa naannoo Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa /IGAD/ raawwachaa jiru dinqisiifachuun, hawaasni naannichaa irratti hirmaachuu akka qaban himaniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.