Fana: At a Speed of Life!

Garaagarummaa raawwii fi hanqina sagantaa maaddii guutuun mul’atu dhiphisuuf ni hojjetama – Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Ebla 13, 2016 (FBC) – Garaagarummaa raawwii fi hanqina sagantaa maaddii guutuun mul’atu dhiphisuuf kan hojjetamu ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsan.

Waltajjiin gamaaggama raawwii sagantaa maaddii guutuu sadarkaa biyyaalessaa magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira.

Itti Aanaa Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xirunaa, Pireezidaantoonni naannolee, ministiroonnii fi ogeeyyiin damichaa gamaaggamicharratti argamaniiru.

Mootummaan hiyyummaa hir’isuuf ce’umsa damee qonnaarratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Itti Aanaa Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xirunaa.

Raawwiin waggaa tokkoo fi walakkaa keessatti argame jajjabeessaa ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsan.

Garaagarummaa raawwii fi hanqina sagantaa maaddii guutuun mul’atu dhiphisuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Fireehiwaat Saffiiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.