Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkessaa ABUT gochaa badiin itti fuufus mootummaan Itoophiyaa kutannoo dhukaasa dhaabu gochaan agarsise- Obbo Dammaqa Makonnin

 
Finfinnee, Adooleessa 21, 2013 (FBC) – Obbo Dammaqa Makonnin itti aantu barreessitu ijaarsa dhimma siiyaasaa fi nageenyaa dhabbata biyyoota gamtoomani waliin mari’atan.
 
Roozmarii Dikaarloo waliin kan mari’atan Ministirri mummee itti aanaa fi Ministirri dhimma alaa Obbo Dammaqa Makonnin,dhimma naannoo Tigraay irratti ibsa laataniru.
 
Motummaan qonnaan bultoonni naannichaa, Waqtii roobatti akka fayyadaman fi deeggarsa namoomaa argataniif, yaaliin dhukaasa dhaabu garee shororkessaa ABUT’n hojiirra hin olee jedhan.
 
Gareen shororkessaa ABUT gochaa badii isaatiin yoo itti fuufees, gama mootummaa Itoophiyaatiin kutannoo dhukaasa dhaabu akka qabu Obbo Dammaqan itti himaniru.
 
Sarara deegarsaa namoomaa Daandi Finfinnee -Jibuutii danquuf yaaliin taasifame ibsuun,hawaasa idila addunyaa abdii kutachiisuuf haleellaa haaraa kutaa biyyatti Kaaba- Bahaatti jalqabeera jedha.
 
Dhimma hidha haroomsa guddicha ilaalchise ibsa laataniin, dhimmicha siyaasaafi kan idila addunyaa taasisun faayidaa akka hin qabne hubachisan.
 
Adeemsii marii Gamtaa Afriikaatiin ilallame mari’atoota hundaa furmaata akka ta’u dhabbanni biyyoota gamtoomani gahee akka bahatu himame.
 
Itti aantuun ijaarsa dhimma siiyaasaa fi nageenyaa dhabbata biyyoota gamtoomani Roozmarii Dikaarloo gama isaanitiin, murtoo walii galaa deegarsa namoomaaf dhukaasa dhaabu gama mootummaatiin taasifame jajuun ,qaamni kaanis tarkaanfi kana hordofuu qabaa jechu isaani ministeera dhimma alaa irraa odeffanne.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.