Fana: At a Speed of Life!

Yaalii gareen ABUT biyyaa ba’uuf taasisaan Raayyaa Ittisa Biyyaatin fashalaa’eera-L/J Baacaa Dabalee

Finfinnee, Eebila 15, 2013 (FBC)- Gareen ABUT hedduun isaanii gara alaatti ba’uuf wayita yaalaan barbadaa’uu fi muraasni ammoo holqa turanitti deebi’uu Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti qindeessaa olaanaa ijaarsa humna waraanaa Letenaal Jeneraal Baacaa Dabaleen ibsaniiru.

Letenaal Jeneraal Baacaa Dabaleen ibsa miidiyaaleef laataniin, naannoo Tigraayitti helikooptaraarratti haleellaan raawwateera odeeffannoo jedhu soba jedhaniiru.

Gareen ABUT kun yeroo amma kana karaa ba’umsaa waan dhabeef raayyaan ittisa biyyaa bakka seenee seenee ni barbadeessaa jedhaniiru.

Letenaal Jeneraal Baacaa Dabaleen, Axaayyee fi iddoowwan tokko tokkootti haleellaa lammiileerra qaqqabeef gadda itti dhaga’amee ibsuun uummata maraaf jajjabina hawwaniiru.

Rakkoowwan nageenyaa iddoolee tokko tokkootti muul’dhata jiraaniif tarkaanfii fudhatamaa jiruurrattis ibsa laataniiru.

Haayileyesuus Siyyuumtu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.