Fana: At a Speed of Life!

Gareen ABUT magaalaa Finfinneetti meeshaalee waraanaa 355ol ergama badiif qopheesse to’annaa jala oole

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2013 (FBC)- Gareen ABUT magaalaa Finfineetti meeshaalee waraanaa 355ol ergama badiif qopheesse to’annaa jala oolu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee ibseera.

Komishiinarri komishiinii poolisii magaalaa Finfinnee Geetuu Araggaaw akka ibsanitti, gareen ABUT meeshaalee waraanaa 355 olii fi rasaasoota kuma 14 ol magaalatti jeequuf qopheesse to’anna jala ooleera jedhan.

Ajandaa badii raawwachuuf kan shakkaman namoonni dhuunfa 162 to’annaa jala ooluun qorannoon gaggeeffama jiraachuu ibsameera.

Humnoonni badii raawwachuuf socho’aan to’annaa jala oolchuuf shoorrii hawaasni ba’aa jiru dinqisifachuun galateffataniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.