Fana: At a Speed of Life!

Gareen Kubbaa Miilaa biyyoota hirmaattota ‘CECAFA’ umrii 17 gadii Finfinnee galaa jiru

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC)- Gareen Kubbaa Miilaa biyyoota hirmaattota Mana Maree Kubbaa Miilaa Bahaafi Giddugaleessa Afrikaa / ‘CECAFA’ umrii 17 gadii Finfinnee galuu eegalaniiru.

Biyyoota taphicharratti hirmaatan keessaa gareen kubbaa miilaa biyyoota Burundii, Sudaan Kibbaafi Soomaaliyaa kaleessa galgala magaaalaa Finfinnee galuu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Taphichaan ramaddii jalqabaan Ityoophiyaa, Taanzaaniyaa, Eeritiraa, Somaaliyaafi Sudaan Kibbaa ramadamuu eerameera.
Ramaddii 2ffaa jalatti Yuugaandaa, Jibuutii, Ruwaandaa, Sudaaniifi Burundiin ramadamuu ibsameera.

Haa ta’u malee, biyyoota hirmaatan keessaa Eertiraa fi Ruwaandaan hanqina baajataan walqabatee dorgommicha keessaa of baasaniiru.

Dorgommichaan gareewwan biyyaalessaa 1ffaa fi 2ffaa bahan Zoonii ‘CECAFA’ bakka bu’uudhaan Aljeeriyaatti baatii Amajjii bara 2015 kan gaggeeffamu Shaampiyoonaa Kubbaa Miilaa Umrii 17 Gadii Afrikaarratti ni hirmaatu.

Dorgommichi Fulbaana 21 hanga Onkoloolessa 9, 2015tti Istaadiyamii Abbabaa Biqilaatti gaggeeffama.

Ramadii lamaan qoodamee dorgommii gaggeeffamu kanarratti Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni 10 ni hirmaatu.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.