Fana: At a Speed of Life!

Gareen Shororkeessaa ABUT ammas boo’icha sobaatiin uummata addunyaa dogongorsuuf yaalaa jira  – Ministeera Dhimma Alaa 

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2014(FBC) – Gareen Shororkeessaa ABUT amala isaa baratame boo’icha sobaatiin hawaasa idil addunyaa dogongorsuuf yaalaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Gareen kun waraana Wucaalee fi Cifraatti baneen lammiilee nagaa 30 ajjeesuu ibsameera.

Tarkaanfii dhukaasa dhaabuu gamtokkoo mootummaan fudhate garichi akka carraatti fayyadamuun naannolee Amaaraa fi Afaaritti haleellaa raawwachuun namaa fi qabeenyarra miidhaa qaqqabsiisuu ibseera.

Garichi gochaan badii raawwachaa jiru akka irratti hin beekkamneef  boo’icha sobaa eegaluu isaa Ministeerichi ibsa har’a baaseen ifoomseera.

Gocha isaa kana dhoksuun hawaasa addunyaatiin “haleelamaa jirra, nuuf birmadhaa” jechaa kan jiru ta’uu ibsameera.

Gareen kun meeshaalee gurguddaa fayyadamuun waraana Wucaalee fi Cifraatti baneen miidhaa guddaa geessisuu isaa ibsichaan himeera.

Gocha suukkanneessaa gareen kun lammiileerratti  raawwatu mootummoonni addunyaa balaaleffachuu dhabuu isaaniitiin Mootummaan Ityoophiyaa gadduu ibseera.

Walga’ii Ministiroonni olaanoo Ameerikaa fi deeggarttoota ishee “Rakkoo keenyarratti soogidda firfirsuuf” taasisan hordofee ibsi Gamtaan Awurooppaa dabarse dogongora ta’uu Ministerichi ibseera.

Iyya sobaa garee shororkeessaa kanaa osoo hin dhagahiin biyyoonni lixaa lammiilee Kaaba Walloo, Goondarii fi Waagimraa akkasumas Afaar keessatti miidhamaa jiran ilaaluu akka qaban waamicha taasiseera.

Mootummaan Ameerikaa fi deeggartoota ishee walitti bu’iinsa Ityoophiyaa keessa jiru ilaalchisee ilaalcha madaalawaa akka qabaatanii fi irra deebiin akka ilaalan gaafachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.