Fana: At a Speed of Life!

Gareen Shororkeessaa ABUT deeggarsi namoomaa uummata Tigiraayiif akka hin dhiyaanne gufuu ta’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC) – Gareen Shororkeessaa ABUT deeggarsi namoomaa uummata Tigiraayiif akka hin dhiyaanne gufuu ta’uu mootummaan beeksise.

Garee shororkeessaan ABUT maqaa uummata Tigraayiin daldaluu fi akka meeshaatti itti fayyadamuun ala uummatichaaf miira namoomaa kan hin qabne ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen ibseera.

Konkolaataawwan 1010 deeggarsa namoomaa fe’anii gara naannichaa seenan wayita naannolee Amaaraa fi Afaar weeraretti loltoota isaa ittiin deddeebisuuf itti fayyadamaa turuu ibsameera.

Midhaan nyaataa bakkeewwan weeraree turee saame manneen kuusaa naannoo Tigraay keessa erga kuusee booda sarara deeggarsi namoomaa ittiin gara naannichaa galu Ab’aalaa weeraruunii fi meeshaa waraanaa cimaa fayyadamuun dhukaasa banuun cufuu eereera.

Dhaabbileen nama hundaaf qixa dhaabbanna jedhan kanneen akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaa wayita garichi naannolee Amaaraa fi Afaar weeraree turetti yeroo inni hospitaalotaa fi buufataalee fayyaa saamuu fi barbadeessu, lammiilee nagaa ajjeesuu fi gudeedu garecha balaaleffachaa akka hin turre ibseera.

Inumaayyuu olola garee shororkeessaan kun mootummaan deeggarsi namoomaa gara naannoo Tigraay akka hin seenne taasisaa jira jedhu fudhachuun dhageessisaa turuu fi kun mootummaa biratti fudhatamummaa kan hin qabne ta’uu beeksiseera.

Mootummaan Ityoophiyaa uummata naannoo Tigraayiif harkifannaa  tokko malee deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf yeroo yeroon qaamolee deeggarsaa waliin mari’achaa hojjechaa jiraachuu ibseera.

Konkolaataawwan fe’iinsaa 1010 naannicha akka jiran utuma beekamuu konkolaataawwan Dhaabbata Nyaata Addunyaa 118 humna isaanii guutuun hojii geejjiba deeggarsa namoomaa akka hojjetan eeyyamamuu ibsameera.

Konkolaachistootaa hojii kana hojjetaniifis wabii nageenyaa guutuu akka argatan taasifamuu ifoomseera.

Rakkoowwan gara fuulduraatti mudachuu malan furuu fi dhiyeessiin deeggarsaa gufannaa tokko malee akka raawwatuuf kutannoon jiraachuu ibsameera.

Hawaasni idil addunyaa fi qaamoleen deeggarsaa gocha badii garee shororkeessaa ABUT akka balaaleffatan yaadachiiseera.

Deeggarsi namoomaa cimee akka itti fufuuf mootummaan ga’eesaa hunda kan ba’atu ta’uu eerameera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.