Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT Gaashanaa fi Shawaa Kaabaatti ajjeechaa jumlaa raawwate – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Finfinnee, Sadaasa 27, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT Gaashanaa fi Shawaa Kaabaatti ajjeechaa jumlaa raawwachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haala waqtaawaa fi dhimmoota hawaasummaarratti ibsa laateera.
Garichi Gaashanaa fi Shawaa Kaabaatti ajjeechaa jumlaa raawwachuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasaan himaniiru.
Yaa ta’uutii yakka suukanneessaa garichi Cinaa, Gaaliikoomaa, Urgeessaa, Waacaalee fi iddoolee birootti lammiilee nagaarratti raawwate dhaabbileen mirga namoomaaf dhaabbanneerra jedhan balaaleffachuun osoo irra jiraatuu callisa filachuu isaanii ibsaniiru.
Gochaan garichi naannoo Amaaraa fi Afaariitti lammiilee nagaarratti raawwate gochaa duguuggaa sanyii ta’uu isaa hawaasa idil addunyaaf hubachiisuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Sababa walitti bu’iinsaan lammiilee miidhaman deeggaruuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Garichi dhaabbilee amantaa,Paarkoota, iddoolee ga’umsa Turizimii fi dhaabbilee Turizimiirra miidhaa hammataa qaqqabsiisuu kaasaniiru.
Keessattuu Kibba Goondarii fi Laallibalaatti miidhaa hammataa qaqqabsiisuu himaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.