Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT garee kallattii sadiin hiriirsee guutuumma guutuutti barbadaa’era-L/Jeneraal Baacaa Dabalee

Finfinnee, Hagayya 29, 2013 (FBC)-Humni garichaa Jeneraal Migbaayiin durfamu Armii 1ffaa jedhamu guutuumma guutuutti barbadaa’uu Letanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen ibsaniiru.

L/J Baacaa Dabalee raawwii diqamaa raayyaa ittisa biyyaa fi haala waqtaawaa biyyaa hordofee ibsa laataniiru.

Humni garichaa Jeneraal Migbaayiin durfamu Armii 1ffaa jedhamu naannoo Humaaraan Dabarqii fi Dabaat kutuun Gondaariin qabachuuf ture guutuummaa guutuutti barbadaa’uu himaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT gara Sudaan seenuuf yaaliin taasisee osoo hin milkaa’iin hafeera.

Humni Armii 2ffaa jedhamuu fi gantichaa Mejar/Jeneraal Yohaanniis W/Girgoosiin durfamu Gaashanaarra eegalee waraanaa taasifameen kutaan waraanaa lamaa barbadeeffameera.

Armii 3ffaa kan jedhamu ammoo alaarraa B/J Fissahaa kan durfamuu fi garee ergamtootaa Qimaant waliin wal tumsuu haleellaa aggaamuus barbadeeffamuun, kan hafee ammoo bakka dhufeetti deebi’eera.

Humni kun hojii ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa gufachiisuuf yaaduus karoorrisaa gooticha raayyaa ittisa biyyaan barbadaa’eera.

Obsee Waaqgaariitin

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.