Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT haleellaan Izii Kaabaarratti raawwatee Onkololeessa 24 yaadatame oola jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2014 (FBC)- Gareen shororkeessaa ABUT haleellaan Izii Kaabaarratti raawwatee Onkololeessa 24 yaadatame akka ooluu ibsameera.

Guyyaan yaadannoo kun qophiilee garagaaraan kabajamee akka oolu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaa ibsa kennaniin, guyyaan yaadannoo gareen shororkeessaa ABUT haleellaa Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwate waggaa 1ffaa Onkolooleessa 24 qophiilee garagaaraatin kabajame akka oolu himaniiru.

Sagantichi mata duree ‘Hin dagadhu anis loltuu Ityoophiyaati’ jedhuun kabajamee kan oolu ta’uu himaniiru.

Kaayyoon olaanaan yaadannoo kanaa aarsaa Raayyaan Ittisa Biyya kaffale deeggaruu fi ajjeechaa garichi miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti raawwate yaadachuuf akka ta’es ibsaniiru.

Onkololeessa 24, 2014 hojjettoonni dhaabbilee mootummaa hundi sekoondii 45’f harka lapheerra kaa’achuun kan yaadataan ni ta’a jedhameera.

Guyyichatti sagantaan duungoo qabsisuu fi dhiiga arjoomuu kan gaggeeffamu yoo ta’u, sirni kabajichaa daqiiqaa 45tti ni xumurama jedhaan obbo Kabbadaan.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.