Fana: At a Speed of Life!

Giddugala qorannoo makaanaayizeeshinii qonnaa hundeessuuf Kooriyaa Kibbaa waliin hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Qonna Ityoophiyaa Teekinooloojii ammayyaa fi makaanaayizeeshiniin deeggaruu kan dandeessisu giddugala qorannoo makaanaayizeeshinii qonnaa hundeessuuf Kooriyaa Kibbaa waliin hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Giddugalicha hundeessuuf hojiilee hojjetamaa jiran irratti mariin gaggeeffamuu ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaan, dameen qonnaa mootora diinagdee biyyattii sochoosuu fi agarsiistuu daandii badhaadhinaa ta’uu kaasuun, waggoottan darbanitti misooma qamadii boneerratti raawwii gaariin galmaa’uu ibsaniiru.

Waggoottan itti aananitti ciminaan hojjechuun qamadii gara alaatti erguuf sochii taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Kunis kan danda’amu damee qonnaa ammayyeessuun, meeshaalee makaanaayizeeshinii fi teeknooloojii haaraa deeggaramuun oomishuun yoo danda’ame ta’uu ibsuun, damee qonnaa Ityoophiyaa ammayyeessuuf mootummaa fi uummanni Kooriyaa Kibbaa deeggarsa taasisaniif galateeffataniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Kooriyaa Kibbaa Kaang Soo’aak Hiin gamasaaniin, Proojektichi damee qonnaa Ityoophiyaa guddisuu fi ammayyeessuuf akkasumas diinagdee biyyattii guddisuuf ga’ee olaanaa kan ba’atu ta’uu ibsaniiru.

Hariiroo gam-lamee  Ityoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa kan cimsu ta’uus kaasaniiru.

Giddugalli olaanaan qorannoo makaanaayizeeshinii qonnaa kun kan ijaaramu magaalaa Finfinneetti yoo ta’u, naannolee ja’a keessatti dameewwan kan qabaatu ta’uu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.