Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli baqattootaa Liibiyaa cufamuu qaba -DhMG

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) –Giddugalli baqattootaa Liibiyaa keessa jiru cufamuu akka qabu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksise.
 
Giddugalli baqattootaa Liibiyaa iddoo mirgi dhala namaa itti sarbamu ta’uu, barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antoniyoo Guutarees ibsaniiru.
 
Antoniyoo Guutarees haala Godaantotaa fi baqattootaa ilaalchisuun Kaawunsilii nageenyaa dhaabbatichaaf guyyaa kaleessa gabaasa dhiyeesaniiru.
 
Guyyaa 5 dura baqattoota kuma 2 fi 780 gara Liibiyaatti ce’an keessa %22 daa’imman ta’uu eeraniiru.
 
Aanga’oonni Liibiyaa hanga furmaanni waaraa kennamutti daa’imman kanneen eeguu dirqama akka qaban akeekkachiisaniiru.
 
Maddi:- al jazeera
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.