Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli dhiheessa nyaataa Alaamudiiniin Tasfaa Birihaan Kutaa Magaalaa Addis katamaatti Ayyaana bara haaraa sababbeeffachuun namoota harka qalleeyyiif nyaataa affeere

Finfinnee, Fulbaana 2, 2014(FBC)-Giddugalli dhiheessa nyaataa Alaamudiiniin Tasfaa Birihaan jedhamu Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Addis katamaatti Ayyaana bara haaraa sababbeeffachuun namoota harka qalleeyyiif nyaataa affeere.

Gidduugalichi guutummaa guutuutti arjooma Abbaa qabeenyaa Alaamudiiniin guyyaatti yeroo tokko daa’immaniifi namoota harka qalleeyyiif nyaataa dhiheessa akka jiru himameera.

Sagantaa kanarratti itti aantuun Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee barri haaraan badhaadhinni itti mirkanaa’ee namoonni hundi nyaatanii quufanii kanitti jiraatan nuuf haatahu jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.