Fana: At a Speed of Life!

Giifti Dureen Zinnaash Taayyaachaw magaalichatti haaromsa manaa miseensota hawaasaa dhibee juuzamiif saaxilaman fayyadamoo taasisu eegalchiisan

Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Giifti Dureen Zinnaash Taayyaachaw magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Kolfeetti haaromsa manaa miseensota hawaasaa dhibee juuzamiif saaxilaman fayyadamoo taasisu guyyaa har’aa eegalchiisaniiru.

Waajjirri Giifti Duree manneen abbootii warraa ja’a ganni osoo hin seeniin dura kan haaromsu ta’uu ibsameera.

Hojiin manneen haaromsuu kun hawaasa dhukkubaa juuzamiif saaxilamoo, hawaasaan dagataman fayyadamtoota kan taasisu ta’uun eerameera.

Hojiin haaromsa manneenii fayyadamtoota biroo dabalataan hammachuun cimee kan itti fufu ta’uu ragaan Waajjiraa Giifti Dureerraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.