Fana: At a Speed of Life!

Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon godina Harargee Lixaatti mana Barumsaa Odaa Billiqaa sadarkaa 2ffaa eebbisiisaan

Finfinnee, Caamsaa 26, 2013 (FBC)- Giiftii Dureen Ityoophiyaa Zinnaash Taayyaachoon godina Harargee Lixaa aanaa Hawwii Gudinaatti  mana Barumsaa Odaa Billiqaa sadarkaa 2ffaa eebbisiisaniiru.

Manni barumsichaa baasii Birrii miiliyoonaa 22 ijaarramuu ibsameera.
Jiraattoonni aanaa Hawwii Guddinaa Maayibaasii Billiqaa Manni Barumsa Giftii Duree Aadde Zinnaash Taayyaachootiin ijaarame kun rakkoo baroota dheeraaf mana barumsaa dhabuun isaanirra gahaa ture akka isaaniif hiiku himaniiru.
Manni barumsaa kun yeroo eebbifametti meeshaaleen baruufi barsiisuuf oolu guutuun, barattootaafis yuuniformii dabalatee meeshaalee barnootaa qalama fi dabtarri deeggarsaan kennameera.
Sirna eebbichaarratti Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo dabalatee preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimaalliis Abdiisaa, Hogganaa Biiroo Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo fi jiraattoonni godinichaa argamuu OBN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.