Fana: At a Speed of Life!

Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Mana Barumsaa Ifaa Roophii Sadarkaa 2ffaa eebbisiisan

Finfinnee, Onkololeessa 09, 2014 (FBC) – Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Mana Barumsaa Ifaa Roophii Sadarkaa 2ffaa Godina Arsii lixaa Aanaa Siraaroo Magaalaa Roophitti Waajjira Giiftii Dureen Birri miiliyoona 14n ijaarame eebbisiisaniiru.
Sirna eebba kanarratti Giiftii Duree Aadde Zinaash Taayyaachoo fi Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanaan biroo argamaniiru.
Ijaarsi mana barumsichaa ji’a torba keessatti kan xumurame yoo ta’uu, daree barnootaa 8, mana kitaabaa 1, kutaa laabraatoorii 4 fi kutaa bulchiinsaa kan of keessa qabu ta’uu ibsameera.
Waajjirri Giiftii Duree hojii waliin ga’iinsa barnootaa babal’isuuf taasifamaa jiru deeggaruuf bara barnootaa 2013tti marsaa 2ffaan manneen barnoota sadarkaa 2ffaa ijaarsiisuu eegalee keessaa, manni barnootaa kun isa tokkoo ta’uu ibsameera.
Wajjirichi manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Godina Jimmaa, Godina Shawaa Lixaa Ganda Goroomtii, Magaalaa Finfinnee Faawundeeshinni Diibooratti Mana Barnootaa Fedhii Addaa , naannoo Kibbaa Godina Guraagee Aanaa Abaashaagee fi Naannoo Siidamaatti ijaarsisaa jiraachuu ibsameera.
Fireehiyiwat Saffiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.