Fana: At a Speed of Life!

Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon manneen barnootaa Ijaarsiisuun hojiilee hojjetaniif sagantaan galateeffannaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2013 (FBC) – Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon manneen barnootaa Ijaarsiisuun hojiilee hojjetaniif sagantaan galateeffannaa qopheessummaa Ministeera Barnootaan gaggeeffamaa jira.
Saganticharratti Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee, Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo, Ministira Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaa dabalatee Ministiroonnii fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.
Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaan iddoolee manneen barnootaa hin qaqqabnetti mannee barnootaa waliin ga’uuf hojii hojjetaniif Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon galateeffataniiru.
Akkasumas galii gurgurtaa Kitaaba isaaniirra argamu ijaarsa manneen barnootaaf akka oolu murteessuu isaaniif Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadis galateeffataniiru.
Hanga ammatti manneen barnootaa Waajjira Giiftii Dureen ijaarramaa jiran keessaa 20 hojii kan eegalan yoo ta’u hedduun ammoo hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.