Fana: At a Speed of Life!

Godina addaa naannawaa Finfinneetti lafa hektaara kuma 18 fi 100 Jallisiin misoomsuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) – Godina addaa naannawaa Finfinneetti lafa hektaara kuma 18 fi 100 Jallisiin Qamadii misoomsuuf facaasaan eegalamuu ibsameera.

Godina Addaa Naannawaa Finfinnee Aanaa Aqaaqii ganda Gammadaatti Lafa hektaara 350 jallisiin Qamadii oomishuun  eegalameera.

Itti aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa  obbo Geetuu Gammachuun aanichatti argamuun facaasaa kana eegalchiisaniiru jedhame.

Akka godina Addaa naanawaa Finfinneettii lafa hektaara kuma 18 fi 100 Qamadii Jallisii Boneen misoomsuuf hojiin eegalamuu eeraniiru.

Hanga ammaatti lafti hektaarri Kumni 2 fi 700 guutumaan guutuuttu qophiin xumuramuu itti gaafatamaa waajjiira qonnaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee obbo Caalaa Adareen himaniiru.

Torbeen kunis torbee sanyii qophessuu jedhamuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Bara darbee Aanaa Aqaaqii Qaalittii Ganda Gammadaattii lafa hektaara 1 irraa Qamadiin kuntaallii 105 argamuu ragaan Waajjira Qonnaa aanichaarra argame ni muul’isa.

Jamiilaa Jamaalii fi Zabiib Taklaayitu  gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.