Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii fi magaalaa Asallaatti filannoo gaggeessuu cinaatti dhaabbiin biqiltuu raawwatamaa jira jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2013 (FBC) – Godina Arsii fi Magaalaa Asallaatti filannoon marsaa 6ffaan karaa nagaan gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Jiraattoonni godinichaa fi magaalaa Asallaa filannoo gaggeessan cinaatti sagantaa Ashaaraa Magarsiisaan dhaabbii biqiltuu raawwachaa jiraachuu himaniiru.
Dhiibbaa tokko malee Paartii biyyattii ceesiisuu danda’u filachuu isaanii dubbataniiru.
Dhaaloota dhufu dachee magariisa dhaalchisuuf biqiltuu dhaabus himaniiru.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa marsaa 3ffaan hanga xumuramutti hirmaannaa isaanii kan itti fufan ta’uu eeraniiru.
Eermiyaas Boggaalaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.