Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaatti qonna gannaatiin lafa hektaara kuma 400 ol sanyiin uwwisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 7, 2015 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti qonna gannaatiin lafa hektaara kuma 400 ol sanyiin uwwisuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godina Arsii Lixaa Dooktar Abdullaahii Beekaan bara kana qonna gannaatiin lafti hektaara kuma 400 ol sanyiin uwwisuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Teeknooloojii qonnaa fayyadamuun qonnaan bulaan Abbaa qabeenyaa akka ta’u gaheen hojjettoota misooma baadiyyaa olaanaa ta’uu Bulchaan godina Arsii Lixaa Obbo Ahimad Hajjiin dubbataniiru.

Ciccata qonnaa hunda fayyadamuun oomishaafi oomishtummaa dabalamuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Godinichatti Imaammataa fi tarsiimoo qonnaa, Inisheetiivii hojiirra oolchuuf, dandeettii raawwachiisummaa dabaluuf leenjiin hojjettoota misooma baadiyyaaf kennamaa jira.

Jibriil Huseentu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.