Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaa Magaalaa Yaa’abal’ootti Ijaarsa Galma Abba Gadaa Kubii Curraa Dhagaa bu’uraa kaa’uun ijaarsaa isaa jalqabe

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC ) – Jilli Giiftii Duree Zinnaash Taayyachaw fi obbo Shimallis Abdiisaa durfamu Godina Booranaa Magaalaa Yaa’abal’ootti Ijaarsa Galma Abba Gadaa Kubii Curraa Dhagaa bu’uraa kaa’uun ijaarsaa isaa jalqabsiisan.
Jilli Giiftii Duree Zinnaash Taayyachaw, Preezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Hoogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo of keessa qabu, Godina Booranaa Magaalaa Yaa’abal’ootti Ijaarsa Galma Abba Gadaa Kubii Curraa Dhagaa bu’uraa kaa’uun ijaarsaa isaa jalqabsiisaniiru.
Ummatti Sirnaa Gadaa kunuunsee asiin gahee Boorannii akka Godinichaatti gaaffiiwwan misoomaa bayyee qabaatus Aadaa, Duudhaa fi safuun akka hin bannee kunuunsee dhalootaa dhalootatti dabarsuuf ciniinnatee hojjachaa jira.
Gafii uummata bara lakkoofsiise kana bu’uura godhate Giiftii Duree Zinaash Taayyachawn Godina Booranaa Magaalaa Yaa’abal’ootti Ijaarsa Galma Abba Gadaa kana jalqabsiisan.
Giiftii Duree Zinnash Tayyachoon akka jedhanitti Godinachaatti hojii kunuunsaa Aadaan jiru dinqisiifachuun xumura galmichaaf xiyyeefatamee hojjatama jedhan.
Gaaffiin ijaarsa Galma Abbaa Gadaa Booranaa gaaffii uummataa kan ganna 10 ol ture, har’allee deebii atattamaa barbaadu kan jedhan immoo Itti gaafatamtuun Wajjira Aadaa fi Turiiziimii Godina Boorana aadde Xuunnalee Godaanaati.
Bulchaan Godina Booranaa obbo Guyyoo Galgaloos gaaffiin ijaarsa Galma Abbaa Gadaa waggaa 10 ol lakkoofsee jira jedhan.
Milkaa’innaa xummura Galmichafis hawaasni , Abbootiin qabeenyaa , qaamoleen mootuummaa fi mit mootummaas deeggarsa barbaachisu kamiyuu godhuun isaan bira akka dhaabatanis yaamicha dhiyesseera.
Preezdantiin Mootummaan Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Galmii Abba Gadaa iddoo itti wal ga’an qofa osoo hin taane galtee Turizimii biyyaaf addunyaa taasisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeefannoon hojjachaa jiraa jedhan.
Murtoon Sirna Gadaan kennamaa ture akka Mana Murtiitti ta’ee akka hojjatamuufis himan.
Ardaalee jilaa hafan wayyoomsuufis kan hojjatamu ta’uus dubbatanii jiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.