Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti hojiin misooma sululaa bara 2016 eegalame

Finfinnee, Mudde 14, 2016 (FBC) – Godina Booranaatti hojiin misooma sululaa bara 2016 eegalamuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.

Godina Booranaatti bara 2016 lafa hektaara kuma 97 ol misoomsuuf karoorfamuu ibseera.

Hongee irra deddeebiin Godina Booranaa mudatu dandamachuuf hojii misooma qabeenya sululaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Jallaa Dullachaa himaniiru.

Lafa misoomu kanarras biqiltuu miiliyoona 28fi kuma 400 dhaabuuf qophiin eegalamuu dubbachuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.