Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti kan argamu Bosonni Baddaa Obdaa mancaa’aa jiraachuun himame

Finfinnee, Adooleessa 27, 2013 (FBC)-Godina Booranaatti kan argamu Bosonni Baddaa Obdaa mancaa’aa jiraachuun himameera.

Bosona Baddaa Obdaa yeroo ammaa kana ijaarsaa garaa garaaf, qoraaniif,cileef cirmaa jiraachuu jiraattonni naannichaa himaniiru.

Kana malees, ijaarsa proojektoota garaagaraaf jecha dhakaan naannoo kanarraa ba’u mancaatii bosona kanaaf sababa isa birooti jedhame.

Ciramuun bosona kanaa rakkoo garaagaraaf akka isaan saaxile jirattoonni kunneen dubbataniiru.

Bosona Gammoojjii Booranaa duudhaa ganamaan eegamaatiin as gahe Baddaa sadeen Booranaa keessaa Angaftii Baddaan Oobdaa mancaatiin irra ga’aa jiru akka isaan yaaddesse himaniiru.

Mancaatiin bosona kanarra ga’aa jiru dhugaa ta’uu bulchiinsi Aanaa Yaa’ii Bal’oo hin haalle.

Mancaatii bosonaa baddaa Obdaa walqabatee rakkoolee jiran hawaasa waliin ta’uun furuuf akka hojjetamu,Bulchaan itti aanaa aanichaa,Obbo Guyyoo Qaallichaa dhugoomaniiru.

Bosonni kun bosona gammoojjii hawaasaan eegamee har’a gahee rakkichaa furree iddoosaatti deebisuuf ni hojjenna kan jedhan ammoo, Itti Gaafatamaa Abbaa Taayitaa eegumsa naannoo fi jijjiirama qilleensaa Godina Booranaa Obbo Mahammad Maalissaaqi.

Ragaan arganne akka mul’isutti bosonni Badda Obdaa heektaara 38 bal’ata.

Maddi:-OBN

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.