Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti namoota deeggarsa midhaan nyaataa hatan 56 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Aanaalee Godina Booranaa garaagaraa keessatti namoota faayidaa isaaniif hin mallee argachuuf deeggarsa midhaan nyaataa hatan irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame.

Aanaalee Godina Booranaa garaagaraa keessatti deeggarsa hawaasa hongeen miidhamaniif dhufe faayidaa dhuunfaaf olchan jedhamuun shakkaman 56 irratti tarkaanfiin garaagaraa fudhatamuu bulchiinsi godinichaa beeksiseera.

Gocha kana keessatti namoonni qooda qaban hedduu ta’uu fi warren hafan seeratti dhiyeessuun haqni uummataa iddootti akka deebi’uuf hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu jalqabame cimee kan itti fufu ta’uu bulchiinsi godinichaa ibseera.

Namoonni shakkamanii tarkaanfiin irratti fudhatame waadaa tajaajiltummaa dagachuun, haqa uummataa dabsuu, gocha malaamaltummaa fi kiraa sassaabdummaarratti hirmaachuu, magaalaa fi baadiyaatti qabeenya mootummaa fi hawaasaa karaa hin malleen dhuunfaa isaaniif oolchan kan  jedhaman akka ta’e himameera.

Namooota shakkaman kanneen to’annoo jala olchuun kan danda’ame eeruu hawaasaatiin cinatti hordoffii fi sakkata’iinsa cimaa taasifameen ta’uu bulchaan Godina Booranaa obbo Jaarsoo Boruu ibsuu isaanii OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.