Fana: At a Speed of Life!

Godina Buunnoo Beddelleetti rooba cimaa roobeen miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2013 (FBC) –Godina Buunnoo Beddellee aanaa Gachii Magaalaa Gachiitti kaleessa galagala rooba cimaa roobeen miidhaan qaqqabuu ibsameera.

Balichaan waajjirri mootummaa 5, waajjira boordii filannoo fi manneen dhunfaa 30 Birrii miliyoona 7 tilmaamamuu barbada’eera.

Boordii filannoo biyyaalessaattii qindeessaa Godina Buunnoo Beddellee Obbo Abiyoot Maammoo ragaa dijiitaala galuu  fi meeshaalee biiroo midhaan irra gaheera jedhan.

Miidhaan gahe garuu bu’aa filannoo irraatti dhibbaa inni geessisuu hin jiru ragaan dursee eergameera jedhan.

Kantiibaan Magaalaa Gachii Obbo Toofiiq Yasuuf ummanni qaamni ilaallatuun namoota harka qalleeyyii manni jalaa miidhameef deeggarsa akka taasisu ergaa dabarsuu OBNtu gabaase.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.