Fana: At a Speed of Life!

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti hojiin misooma sululaa bara kana eegale

Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC)- Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti hojiin duula misooma sululaa kan bara 2014 eegaluu Waajjirri Qonnaaf Qabeenya Uumamaa Godinichaa beeksise.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaaf Qabeenya Uumamaa Aanaa Horroo Obbo Katamaa Jabeessaa yaada kenaniin bara kana akka Aaanichaatti lafa Hektaara kuma shan karoorfatanii hojjechaa kan jiran ta’uu himan.

Hojii duula misooma sululaa guyyaa har’aa Amajji 05, 2014 ganda Akkaajji Sabbatitti bifa ho’aa ta’een hawaasa hirmaachisuun ifatti eegalameera jedhan.

Jiraattonni Aanichaa yaada hojii misooma sululaa irratti kennaniin Kanaan dura baroota darban hojii daagaa hojjenneen irraa fayyadamoo taaneerra gara fuulduraattis cimsinee itti fufna jechuun dubbachuu ragaan kominikeeshinii godinichaarra argamee ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.