Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti aabbootiin warraa 233,000 miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa ta’uu isaanii ibsame

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC)- Godina Jimmaatti aabbootiin warraa 233,000 miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa ta’uu isaanii Waajjirri Eegumsa Fayyaa godinchaa beeksise.
Bara 2012tti jiraatoota godinichaa keessaa miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa kan turan 30% qofa yoo ta’an, bara kana garuu jiraattoota godinichaa keessaa 75% miseensa gochuuf karoorfamee hojjatamaa jira.
Kanumaan wal qabatee, duula geggeefamaa jiruun guyyaati giddu galeessaan namootni 13,000 miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa ta’aa jiraachuu isaaniiti kan himame.
Itti Gaafatamaan Waajira Eegumsa Fayyaa Godinichaa obbo Yesuuf Shaaroo Faanaa broodkaastingi koorporeetitti akka himanitti, hanga ammaatti abbootii warraa 233,000 miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa ta’aniiru.
Torban lamaan itti aanan keessatti karoora qabame akka milkeessan kan eeran itti gaafatamachi, rakkoo dhiyeessii qorichaaf tajaajilaa wajjin walqabatee furuuf xiyyeeffannoon keennamee hojjatamaa akka jiru dubbataniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.